Dhamsa Shamarran hndaf

#Dhamsa_Shamarran_qofaf #Kutaa_2ffaa “Nuti Shamarran Irra Hedduun Keenya, Osoo Namoota hundarra odeeffannoo hin taane hunda amanne Fudhannuu, Jireenyi ,Bultiin Teenya ,Namootuma nuti fira keenya jenne amannun nu jala diigama jiraa!! Shamarreen takka erga Heerumte ilman Deesse Booda ,Kayyoon Jireenya ishee akka diigamtu hin barbaaddu. Kabajan Bultii keessatti qabduufi, Tan Yeroo Bultiin ishee diigamtu qabdu, Akkasumas Kabaja Namoonni yeroo nuti Bultii teenya keessa jirruu nu kabajanifi, Kabajani Yeroo Bultiin teenya diigamte nuf qaban wal addaa!! Kanafu Kaayyoo Jireenya keenya irratti xiyyeeffachuu gaafa jalqabdu namoota hedduu dhabuu jalqabda. Namoota jaallattuuf kabajju, namoota kaleessa “siif jirra“ jechaa turan, namoota adeemsa si jalqabsiisan, namoota fakkeenya siif ta’an, keessumaa immoo, namoota guddiftee isaan eegduuf, jireenya kee keessatti bakka guddaaf kabaja guddaa kennituuf dhabuu eegalta. Kaayyoon, ejjannoon keefi dhugaan ati qabdee itti deemtu sagaleewwaniif waca nannoo kee jiruun adda si baasu. Dhugaanis, kaayyoo ofiif jiraachuunis jaallatamaa sin taasisan. Haqa kana simattee kaayyoo keef dhugaa qabdee jirtuun imala kee itti fufi. Kan si gatee sokkeef yeroo kee hin gubin. Sun durumaa waca sobaati. Namoonni bakka itti si eeganiif bakka itti si yaadan sana darbitee akka mul’attu hin fedhan waan ta’eef, isaan caaltee argamuu keef isaanii olitti nama kaayyoo Bultii teetif karoora akka qabattu hin fedhan. Sababni isaa Nama waan ta’aniif! Ofii olitti sin yaadan waan ta’eef, caaltee argamuu keef, jabaadhu, itti fufi kan siin jedhan muuraasa lakkoofsaan xiqqoodha. Kaayyoo Bultii keetiif ejjennoo keetiif gafa cimtee dhaabbattu namoota, hiriyoota dhabdu sanaaf garuu hin dhiphatin, isaan dhabe jettee kaayyoo Jireenya kee hin dhabin isaan dhiisi. Namu qoofa ofiit jiraata Milkaa’inaaf galmaga’iinsa yaada keetii wanti dursu akka hin jirre beeki. Akka of dagattuuf akka dadhabdu, akka teessee yeroo kee gubdu kan barbaadaniif gurraaf yaada kee hin ergisin. Ni milkoofta, jabaadhu, jedhanii yaadaan kan si jabeessanitu hiriyaa dhugaa keeti. Isaan gurra dhaga’u yoo qabaatteef, kaayyoo Jireenya ilmaan keetti cichite waliin milkoofta. KUN AKKAATAA ATI ABBAA MANAAKEE ITTI DHABDEE DHA. Jaalalleen kee Xiyyaaffannoo kee Jalqabaa ta’uu qaba . Yoo xiyyeeffannoo kennuufi dadhabde ni dhabdaa. Miira isaa hubattee jirtaa? Miira sana keessaa isaa baasuuf hagam yaalte? Sababa jijjiiramuu amala isaa hoo maal beekta? Maaliif akka abbaan manakee dafee aaru, dafee mufatu qorattee beektee jirtaa? Sana hoo sirreessuuf maal goote? Gadda ija isaa keessatti mul’atu argitee? Madda gadda sanaa qoorsuuf tarkaanfii fudhatte moo? , “kun amaluma isaati“ jettee itti dhiiste? Wonti inni akka isaaf gootu si gaafate ati immoo callistee bira dabarte maaltu jira? Yaadattee fedhii isaa sana guuttee? Kun hundi sababa midhaa saammuu isaati. Jireenya kee keessa jirachuun isaa akka waan bu’aa siif hin qabne akka isatti dhaga’amu gootee jirtaa? Ati isaan ala sitti tolee jiraachuu akka dandeessuu fi hamma ati isaaf barbaachistu inni akka si hin barbaachisne yaaddaa? Yeroo abbaan manaakeetin walitti mufattan isaa of hirranfachiisuf jette dhiiroota biro of maddi gutte teessa taanan, Abbaa mana dhabdeetta, Namoonni yeroodhaf si boharsu malee bakka abbaa manaakeeti sif hin guutan. Yeroon ati isaa wojjiin dabarsitu dirqama sitti ta’ee qofa akka ta’e akka isaa yaaddu yoo taasiste, Na amani dhaqqabdee hin qabduun. Si jalaa bararee Dhumni kee gaabbii . . Dhaamsa: Yoo Jireenya gammachuu qabu barbaadde Abbaa Manaakee gammachiisi! Kutaa 3ffaan ... Ulfaadha.
Back to Top